Akkuma marri keenya beeknu sochiin amma dhufee lammii qubee barateni kanaafuu sochii kana fudhate deemu kan danda'u nama qube barate dabalatas name baayyee dubbisee fi aada ummaticha sirrii gad-fageenyan kan beeku ta'u qaba. Garuu, wanti amma Oromiyaa keessatti ta'a jiru faallaa kanati. Kana booda qube jenereshiini kana soban miliiqu hin danda'amu. Hoggansii ol'aanoon Oromiyaa irraa jirtan furmaata hawwara waan barbaadani irratti fala kenna deemu qabdu, waan qorannoo barbaadu jabaatani qorannoo gaggessaa jiraachuu keessaan ofishaali ifa gochuu qabdun jedha. Adeemsi keessaan ifa yoo hin goone waanuma haromsaan dura gaggeffama turetti waan deebi'e fakkata.

Dabalatas dhimmi nannooleen ofiin of-bulchuu ammalle hin mirkanoofne kun immoo taatewwan adda addaa bakka adda addaati mul'aata jiru agarsiistudha. Innis humni raayyaa ittisa biyyaa mormii fi rakkoo xiqqoo humna nageenya naannootin tasgaaba'u danda'uu humni rayyaa ittisa biyyaa rakkootti rakkoo dabalaa jira. Kun immoo deeme deemee gara ta'u hin qabnetti deema jira. Du'aatin ilmaan Oromoo ammalee Oromiyaa keessaa hin dhaabbanne. Humna meeshaa waraana baate aada fi duudha ummaticha hin beekne ummata keessaa gaafa seene rasaasa robsuu malee waan hojjata jiru hin beeku, kana immoo yeroo lama nan qunname ture. Nama nagaadhan konkolaatan deemutti dhukaasa banun namoonni yegguu lubbuf jechaa kaachan rasaasan rukkutun lubbuu namoota heddu galaafata jiru. Kanaafuu giddu-galeessuman Aangoo naannoo eegsiifachun kan hoggansa naannooti.

አስተያየቶች

ታዋቂ ልጥፎች